Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan hariiroo Afrikaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo kan laattuu fi deeggarsa taasiiftu kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC) – Raashiyaan hariiroo Afrikaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo kan laattuu fi deeggarsa taasiiftu kan itti fuftu ta’uu Preezdaantiin biyyattii Bilaadmiir Puutiin ibsan.
Preezdaant Bilaadmiir Puutiin guyyaa Afrikaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Injifannoon Afrikaanoonni Koloniirratti galmeessan fedhii bilisummaa, nageenyaa fi badhaadhinaaf qaban kan agarsiisuudha jedhan.
Afrikaanoonni dameewwan Hawaasummaa fi Diinagdeen injifannoo boonsaa galmeessaniiru jedhan.
Afrikaanoonni dhimmoota idil addunyaarratti dhiibbaan uumaan guddachaa dhufuus eeraniiru.
Preezdaantichi dhimmoota hariiroo waloo Raashiyaa fi Afrikaa caalmaatti cimsuu danda’anirratti hojjechuuf biyyi isaanii qophii ta’uu kaasaniiru.
Raashiyaan hariiroo Afrikaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo addaa kan laattuu fi deeggarsa taasiiftu itti fufuun dhimmoota idil addunyaa,naannawaa, Nageenyaa, shororkeessummaa fi kanneen biroorratti waloon kan hojjetan ta’uu himuu isaanii ragaan Raashiyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.