Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaaf appilikeeshiniin ‘Covid-19 Ityoophiyaa’ jedhu ifoome

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Bulchiinsa manneen barnootaa hojjettootaa fi barsiisootaaf hojii tamsa’ina vaayrasii koroona ittisuu fi to’achuuf hubannoo kan laatuu appiliikeshiniin ‘Covid-19 Ityoophiyaa’ jedhuu ifoomeera.

Appilikeeshiniin hubannoo laatuu kun weerara vaayrasii koroonaa waliin walqabsiisee dhimmoota garagaraa kan haammateedha jedhameera.

Appilikeeshiniicha Ministeeroonni Fayyaa fi Barnootaa waloon kan qopheessanii fi qajeelfoomata itti vaayrasii koroonaa kan bu’ureeffateedha jedhameera.

Appilikeeshinicha barsiisoonnii fi barattoonni hojjettoonni manneen barnootaa bilbilaa sochootu isaaniirrattu fe’uun leenjii akka fudhatanii fi hojii ittisa vaayrasii koroonaarratti qooda isaanii akka ba’aataan ragaan Ministeera Fayyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.