Fana: At a Speed of Life!

Ummanni duudhaalee gaggaarii gabbifate hedduu qaba- I/A/P/M/N/O obbo Shimallis

Itti aanaan preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan baga ayyaana dhaloota Yasuus Kiristoosin ittiin isin ga’e jedhan.
 
Ergaa guutun kinooti===============
 
Hordoftoota amantaa kirstaanaa naannoo fi biyya keenyaa hundaan baga ayyaana yaadannoo dhaloota Yesuus Kiristoos kan bara 2012 geessan yommuun jedhu gammachuu guddaa waliinidha.
 
Ayyaanni dhaloota Yesuus Kiristoos dhaabbilee amantaa Kiristaanaa biratti sirna Kadhataa, Galata Waaqaa fi faaruutiin, akka aadaatti ammoo taphoota Qillee fi sirnoota garaagaraatiin miidhagee kabajamee kan ooluu dha. Ayyaanni Qillee akka amantaattis ta’e akka aadaatti ilmaan namootaa baay’inaan kan walitti fidu, kan wal dhabe kan irratti araaramu, kan wal miidhe dhiifamaan kan walitti fiduu fi namoota gidduutti riqicha jaalalaa fi gammachuu kan uumamuu dha.
 
Bahaa fi Lixa, Kaabaa fi Kibba naannoo fi biyya keenya keessatti waliin kabajachuu, waan qabu waliin sooratee gammachuu dhandhamachuun kan beekamu ummanni keenya, ayyaana Qillee akka addaatti ilaala. Harka qalleeyyii yaadachuun, dadhabootaaf dhaabachuu fi waan qaban irraa waliif qooduun ammoo aadaa jaarraa lakkoofsisee dha. Ummata duudhaa waliin jireenyaa gaarii akkasii qabu ta’uu keenyaan baga gammanne jechaa, irra deebiin baga ayyaana Qillee nagaan geessan,baga waliin geenye jechuun barbaada.
 
Kabajni ayyaana dhaloota Yesuus Kiristoos Kiristaanota biratti aadaa wal jaallachuu fi wal tajaajiltummaatiin ibsama. Kitaaba Qulqulluu irratti Yesuus Kiristoos ilmaan namootaa waanjoo cubbuu fi du’aa irraa furuuf samii irraa dhufee dallaa horii keessatti akka dhalatetu lallabama. Kun ammoo mallattoo jaalalaafi dhala namaa du’a bara baraarraa baraaruuf of qopheessuu akka ta’etu barsiifama.
 
Jaalalli Yesuus Kiristoos dhala namaatiif kenne dhaloota har’aatiif dhaamsa gurguddaa lama akka qabuttan hubadha. Inni duraa, jaalala uumaan itti amannu nuuf kenne obboloota keenyaaf qoodnee yoo jiraanne, waliin jireenyi akka dagaagu, waliif yaaduun akka guddatuu fi namni nageenyaan akka jiraatu gochuuf humna guddaa qabaachuu isaati.
 
Soorataa fi uffata ga’aa kan qabnu, isa hin qabneef kennuun, dadhaboota gargaaruu fi dhukkuffattoota waldhaanuun uumaa fi uumama biratti eebba kan argachiisu dha. Har’a carraa gaarii argannee, ayyaana kana sababeeffachuudhaan mana keenyaatti kan qopheeffanne hundi keenya harka qalleeyyii yaadachuudhaan akka kabajannuu fi dhaamsa abboottan amantaa nuuf dabarsaniif akka abboomamnu dhaamuun fedha.
 
Lammaffaarratti, Yesuus Kiristoos teessoo mootummaa biyya Yihudaa irratti osoo eegamuu, dallaa horii mandara Beetaliheemitti gadi bu’ee dhalachuun isaa jaalala agarsiisuu fi ilmaan namootaa barsiisuufdha. Dhaloonni har’aa ayyaana kana yeroo kabajnu, kanarraa barannee, miira of kennanii wal tajaajiluu fi wal tumsuu guddaa horachuu akka qabnutu natti dhagaa’ama.
 
Naannoofi biyya keenya keessatti amantaawwan adda addaa wal ta’uudhaan waliin kabajachuu fi jaalalaa fi walitti dhufeenya gabbifachuun kan baratamee dha. boqonnaa qormaanni heddummaate kana keessattis, wal tahiinsaafi waliin jireenya dhaabbileen amantaa agarsiisaa jiran dinqifannaa addaatiin ilaalla. Har’as carraa kanaan jaalalli keessan caalmaatti akka gabbatu, ga’een biyyaafi ummata ijaaruu keessatti qabdan daran akka guddatuuf kan hojjettan ta’uu keessan amantaa guddaan qaba.
 
Ummanni keenya duudhaalee gaggaarii amantaawwanii fi aadaa irraa gabbifate hedduu qaba. Dhaloota duudhaalee kanneen dhaalchisuuf halkanii guyyaa hojjetan, jaalalaa fi wal danda’uu lallabanii fi kan rakkateef dirmachuu amaleeffatan hedduu qabna. Akkuma kana, dhaloota egeree har’a barachuu fi yaadaa fi qalbiin duuroomee dhaaluu qabus kumaa kitilatu jira. Kanaafuu, qabeenya dilbii horata dhaloota ceesisuu danda’u kana sirnaan wal harkaa fuunee ijaarsa biyyaa fi ummata keenyaatiif akka oolchinuuf carraan argadhe kanatti fayyadamee dhaamuun barbaada.
 
Xumurarrattis, ayyaanni Qillee bara kanaa nageenyi keenya kan itti ititu, jaalalli keenya kan itti guddatu, sonaa fi sooratni keenya kan itti sifaa’u nuuf haa ta’u jechaa, ummata kallattii hundaan jiruuf ayyaana nagaa fi badhaadhinaa akka ta’un hawwa.
 
Ayyaana Gaarii
Obo Shimallis Abdiisaa
Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Muddee 27, 2012
Finfinnee
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.