Fana: At a Speed of Life!

Itoophiyaan Yaada bilisaan ibsachu fi miirga pireesii kabajuuf ejjanno cimaa qabdi – Abbaa Taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Itoophiyaan Yaada bilisaan ibsachu fi miirga pireesii kabajuuf ejjanno cimaa akka qabdu Abbaa Taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa beeksise.
Abbaan taayitichaa ibsa baaseen, yaada bilisaan ibsachu fi mirgoonni pireesii dhuudhaalee heeraan tumaman ta’u beeksise, motummaan Itoophiyaab dhuudhaalee kanneen eguuf kuutanno akka qabu gochaan agrsiisa jedhe ibsichi.
Gaazeexesitonni biyya keessaaf alaa odeeffanno dhaqabuummaan akka argataniif dhorkaawwan fi guufulee waggoota hedduf turan guutumaan kaasu ereera.
Yeroo amma kana gabaastonni 129 dhabbiidhan bakka butoota dhabbilee oduu biyya alaa 35 biyya keessa akka jiran ibse,Naannoo Tigraayitti yeroo duula tarkaanfi seera kabachisu heyyamni yeroo gaazeexesitoota biyyaalee garaagara irraa walitti dhufan 82 keennameefi akka gabaasaniif haali mijachu hime.
Yaada bilisaan ibsachu fi miirga pireesii kabajuun qaamolee hundaan kabajamuu qabaa kan jedhe ibsii abbaa taayitichaa, gaazeexesitoonni gabaasa walitti bu’iinsaa yeroo gabaasan haala lafa irra jiru ibsuun fi namuusa ogummaa kabajuun gabaasu akka gabaasan amantaa akka irraa qabu ereera.
Addunyaa kamu irratti dulli looltummaa iddo itti gaggeeffamutti dhorkaan fi daangaan akka kaa’amu ibsun, gabaastonni biyya alaa heyyama argatan dhugaa kana kabajani fi eegani ni hojjatu jedhame akka egamu abbaan taayitichaa beeksisera.
kun ta’u baate daangaan seeraa cabnaan akkuma addunyaa irratti taasifamu Abbaa Taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa itti gaafatam keennameef akka bahatu hubachiseera.
Ammas taanaan motummaan yaada bilisaan ibsachu fi mirgoota pireesii kabajuuf ejjanno qabu cimaa ta’u ibse, “biyyatiinis taate abbaan taayitichaa gaazexeesitoota hojii isaani haala gaariin hojjatan keessummessu qoopha’a ta’u” beeksisera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.