Fana: At a Speed of Life!

Gammojji Kibba Biyyatti malee iddowwan heddun rooba gannaa ni argatu

 

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)-  Roobni ganna dhufu eggamu kutaa biyyaa gammojji Kibbaa malee iddo heddutti rooba akka argatan Ejansiin meetiyorooloojii biyyaalessaa beeksise.

Ejansiichi gamaaggama fi raaga haala qilleensaa waqti arfaasaa fi gannaa ifoomseera.

Dayreektarri olaanaa Ejansiicha Obbo Faxxana Tashooma, ganna dhufuf raaga haala qilleensaa xinxala fakkeenya sadarkaa idila addunyaatiin taasisera jedhan.

Haaluma kanaan Kutaalaa Lixa biyyatti heddowwan heddutti rooba idileen ola fi iddowwan muuraasatti ammo rooba idilee ni argatu.

Kutaaleen biyyatti Kaaba Bahaa iddoowwan heddun rooba idileen ol ni argatu jedhameet raagame.

Gaheen roob gannaa ameentaan rooba waggaa biyyatti harka 50 hanga 85tti qoda keessaa qaba.

Raaga haala qilleensa kana akka carraa gaaritti ilaalun hojiilee misoomaaf olchu barbaachisa jedhan Dayreektarri olaanaa Ejansiicha Obbo Faxxana Tashooma.

 

Maddi:- TOI

 

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.