Fana: At a Speed of Life!

Naayijeeriyaan imaltoota qajeelfama COVID-19n hojiirra hin oolchine 90 barbaadaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Naayijeeriyaan darbiinsa seeraa COVID-19n wal qabsiisee imaltoota 90 barbaadaa jirti jedhame.

Imaltoonni kunneen dhiyeenya Biraaziil, Hindii fi Turkiirraa kan dhufaan ta’uu beekameera.

Barbaadamtoonni bara Faranjootaa baatii Caamsaa 8 hanga 15 guyyoota jiraan keessaatti gara Naayijeeriyaa kan galan yoo ta’u, kanneen keessaa 63 Naayijeeriyoota 27 ammoo lammiilee biyyaa alaa ta’uu ibsameera.

Imaltoonni kunneen weerara vaayrasii koroonaatin wal qabsiisee qajeelfamaa Naayijeeriyaan baastee kan hin kabajnee fi qorannoo kan hin taasifnee ta’uu ibsameera.

Barbaadamtoota kanneen irrattis waggaa tokkoof paaspoortii isaan itti imaalaan dhorkuu dabalatee qoqqoobbii kaa’uufi.

Akkasumas lammiilee biyya alaa Viizaa ykn eeyyamaa isaanii haquu fi himannii isaan eeggachuu danda’aa jedhameera.

Biyyattitti weerara vaayrasii koroonaatin walqabsiisee lammiilee  biyyoota dhorkiin irraa ka’eemeerra dhufaan torbee tokkoof ofiisaanii addatti of baasuun seera ba’ee hojiirra ni olchiti.

Naayijeeriyaatti vaayrasii koroona haaraan biyya Ingilizii fi vaayrasiin koroonaa haaraan dhiyeenyaa biyyattitti muuldhachuun isaa ni yaadatama.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.