Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti sababa haala qilleensaa hamaatiin namoonni fiigaa turan 21 du’an

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)- Chaayinaatti Sababa haala qilleensaa hamaatiin atileetiksoonni fiigaa turan 21 du’aniiru.

Kaaba lixa Chaayinaatti dorgommii fiigichaa gaara irratti gaggeeffameen haala qilleensaa rakkisaa uumamee tureen yoo xiqqaate namoonni 21 du’uun isaanii dhaga’ameera.

Balichi kaleessa Bulchiinsa Chaayinaa Gaansuu jedhamuu fi bakka hawwata turistii ‘Yeloo Riivar Istoon Forest’ jedhamutti ture kan qaqqabe.

Bubbee hamaa fi rooba cimaa bakka sanatti muudateen namoonni dorgommii fiigicha dheerina km100 irratti hirmaachaa turan hedduun miidhamaniiru jedhame.

Fiigichicharratti namoota hirmaatan keessaa 172 kan ta’an achi buuteen isaanii dhabamuu hordofees dorgommichi adaan citeera.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.