Fana: At a Speed of Life!

OBN jiraattoota Magaalaa Axaayee Godina Addaa Saba Oromoof deeggarsa taasise

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)-Oromiyaa Broodkaastiing Neetwoork  naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Axaayee fi Godina Addaa Saba Oromootti namoota rakkoo nageenyaa tibba darbe mudateen qe’eesaaniirraa buqqa’aniif midhaan nyaataa kuntaala 818 deeggarsaan taasiseera.

Namoonni qe’eesaaniirraa buqqa’uun rakkoof saaxilaman deeggarsa OBN kenneef galateeffachuun muuxannoo OBN fudhachuun dhaabbileen biroos akka isaan deeggaran waamicha dhiyeessan.

Bulchaan Godina addaa Saba Oromoo Obbo Ahmad Hasan OBN miidiyaa fakkeenyummaa qabudha, deeggarsa ummata keenyaaf taasiseef ni galateeffanna, qaamoleen biroos deeggarsa akkasii itti fufuu qabu jedhan.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa Miidiyaaleen OBN irraa muuxannoo guddaa fudhatu,hojiin boonsaan OBN hojjetes seenaan yoomuu hin dagatu jedhan.

Akka gabaasa OBNtti Abbaa Gadaa Tuulamaa fi barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Goobanaa Hoolaa OBN saboota walitti fiduu keessattis hojii gaarii hojjetaa jira jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.