Fana: At a Speed of Life!

Goodeetti proojektiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona dhibba 4 oliin ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)- Naannoo Somaalee magaalaa Goodeetti proojektiin bishaan dhugaati baasii Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 75 eebbifameera.

Sirna eebbaa proojektichaarratti preezdaantiin mootummaa naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan argamaniiru.

Ijaarsi proojaktichaa bara 2011 kan eegalee fi waggaa 2 keessaatti kan xumurame.

Baasiin ijaarsicha Baankii Addunyaa fi mootummaa Federaalaatin uuwwifameera.

Proojektichi jiraattootaa magaalaa Goodee fayyadamoo kan taasisuu ta’u ibsameera.

Dooktar Injiraan Silashii Baqqalaan, mootummaan fereraalaa naannoo Somaaleetti hojii hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanneen keessayiis jallisii, elelektirikii, qonnaa, bishaanii fi hojiiwwan misoomaa biroo hojjechaa jira jiraachuu ibsusaanii ragaan miidiyaa naannichaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.