Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Loomii Badhoon durfamu mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Gadaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Jilli Af – Yaa’ii Caaffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoon durfamu mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Gadaa daawwateera.
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti, manni barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Gadaa Birrii miiliyoona 34 fi kuma dhibba 3 oliin hojjetamaa jira.
Manni barumsichaa daree barnootaa 18 fi bilookii 8 kan qabu yoo ta’u, wayita xumuramutti barattoota 720 simatee barsiisuu danda’a jedhame.
Akka OBN gabaaseetti,Aadde Loomiin daawwannaa booda dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2013 mana barumsichaa keessatti eegalchiisaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.