Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Ityoophiyaa nagaa fi tasgabbii buusuuf hojjechuu qabu – hoggantoota amantaa

Finfinnee,Muddee 27, 2012(FBC) – Ummanni Ityoophiyaa hundi nagaa fi tasgabbii buusuuf hojjechuu akka qaban dureewwan amantaa waamicha dhiyeessan.
 
Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas, Phaaphaasiin Kaatoliikii Ityoophiyaa Kaardinaal Qulqulluu Birihaanayyasuus Suraafeelii fi Preezdaantiin mana amantaa Warra Wangeelaa Luba Yoonaas Yiggazuun hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan baga guyyaa dhalootaa Iyyasuus Kiristoosin(Qiillee) ittiin isin ga’e jedhaniiru.
 
Ayyaanni Qiillee yeroo kabajamu namoota harka qalleeyyii yaadachuu fi gargaaruun ta’uu akka qabus dhaamaniiru.
 
Bu’uurri waa hundaa nageenya waan ta’eef gochoota nageenya booressan irraa of too’achuun akka barbaachisuu fi lammiin hundi waardiyyaa nageenyaa ta’uu akka qabu ummataaf ergaa dabarsaniiru.
 
Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas, ergaa ayyaanaa isaanitiin ayyaanni dhalootaa Kiristoos dhiifamaa fi jaalala nu barsiisa jedhaniiru.
 
Nageenyi yoo hin jiraanne sochii kamiyyuu taasisuun hindanda’amu waan ta’eef waa hunda dura nageenyaaf dursa kennuun barbaachisaadha jedhaniiru.
 
Keessattuu dargaggoonni gochaa seeraan alaa irraa of qusachuun jaalalaa fi tukkummaaf hojjechuu qabu jedhan.
Hawaasni Kiristiyaanaa kan rakkate gargaaruu fi yaadachuun ayyaana kana kabajuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Phaaphaasiin mana amantii Kaatoliikii Ityoophiyaa Kaardinaal Qulqulluu Birihaaneyesuus Suraafeelis, biyyi ummata malee, ummannis biyya malee jiraachuu akka hin dandeenye hubachuun badii fi daandii badii irraa of qusachuu qabna jedhan.
 
Ayyaanichi harka qalleeyyii fi namoota rakkatan gargaaruu fi yaadachuun akka kabajamuu qabu ergaa dhaamaniiru.
 
Preezdaantiin mana amantaa Warra Wangeelaa Lubni Yoonaas Yiggazuus, ayyaana Qillee yeroo kabajnu nageenya biyyaa, tokkummaa, waljaalalaa fi waldanda’uun ta’uu qaba jedhaniiru.
 
Yeroo ammaatti wareegamni lubbuu, gubachuun manneen amantaa, buqqa’uun lammiilee fi barattoonni barumsa isaanii adda kutuun miidhaa biyyaa waan ta’eef, hunduu tasgabbii biyyaaf akka hojjetu dhaamaniiru.
 
Rakkoolee kanneen bu’ura irraa furuuf lammiileen biyyattii hundi haaloo fi jibbiinsa irraa bilisa ta’uun nageenyaa fi tasgabbiif murannoon hojjechuun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.