Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Tarcaatti ijaarsa Proojektii bishaan dhugaatii qulqulluuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa Godina Daawuroo magaalaa Tarcaatti proojektii bishaan dhugaatii qulqulluu Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 5 ijaarramuuf dhagaan bu’uuraa kaameera.
Itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw ijaarsa Proojektii rakkoo bishaan dhugaatii jiraattoota magaalichaa fufuuf dandeessiisu har’a dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Jiraattoonni magaalichaas gaaffiin isaanii bara dheeraa deebii argachuu isaaf mootummaa naannichaa galateeffataniiru.
Obbo Iristuun hoggantoota fi bakka buutoota hawaasaa godinichaa waliin dhimmoota garaagaraatti marii taasiisuu isanaii ragaan Biiroo Dhimmota Kominikeeshinii naannoo Kibbaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.