Manni maree Ameerikaanoota Ityoophiyaanoota Ityoophiyaatti gidduseentummaa alaa dhimma keessoorratti taasifamu balaaleffate
Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC)- Hundeeffamnisaa Ameerikaa kan ta’ee Manni maree Ameerikaanota Ityoophiyaanoota gidduseentummaa alaa dhimma keessoo Ityoophiyaarratti adeemsifamu balaaleffateera.
Manni marichaa humnoota alaa adeemsa filannoo Ityoophiyaa keessatti giddu seenan yookiin sagaleen tokkoo osoo hin kennamiin dura bu’aa filannoorratti shakkii uumuuf yaalan akka balaaleffatudha, haala yeroo ilaalchiise xalayaa Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaniif ergeen kan beeksise.
Mootummaan Ameerikaa xiyyeeffannoo dhimmoota Ityoophiyaaf kenne dinqisifachaa, garuu balaa gidduuseentummaan hin barbaachifne kan dhimma keessoo biyya tokkoorratti geessisuu yaddoo ta’uu manni marichaa ibseera.
Duulli seera kabachisuu Ityoophiyaatti adeemsifame haleellaa raayyaa Ittisa Biyyaarratti qaqqabee hordofee akka ta’es hubachiseera.
Carraaqqii mootummaan Ityoophiyaa tokkummaa fi birmadummaa biyyaa eeguuf taasisuu deeggaramu qabas jedheera.
Ameerikaan filannoon marsaa 6ffaa milkiin akka xumuramuuf, guutinsa bishaanii marsaa 2ffaa ijaarsa hidha haaoomsaaf deeggarsa akka keennituu fi dhimmi daangaa Ityoo-Sudaan mariin akka furamuuf akkasumas hojii kaabaa biyyattitti deebisaanii dhaabuufi deeggarsa qaqqabsiisuu deeggaruun Ameerikaan gahee olaanaa akka taphattuu abdii qabnas jedheera
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.