Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan haala gabatee yeroon ni gaggeeffama – Obbo Dammaqaa
Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan yeroo qabameef keessatti kan raawwatu ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin dubbatan.
Misiiyoonnoota Ityoophiyaa biyyoota ollaa fi naannoo Harawwan gurgurddootti argaman waliin mariin mata duree ‘Itti fayyadama haqa qabeessaa laga Naayil, hidha haaromsa guddicha Ityoophiyaa tumsa naannawaaf’ jedhuun Intarneetiin gaggeeffameera.
Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan haala gabatee Saayintistoonni biyyoota sadanii kaa’aniin kan raawwatamu ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Sudaanii fi Gibtsi marii sadee dhimma idil addunyaa taasiisuun Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu eeraniiru.
Mariin sadee Hidha Haaromsaa biyyoota lamaan haala fayyadamoo taasiisuun waliigalteerra ga’amuu akka qabu abdii qabaachuu itti aanaan Preezdaantii Sudaan Kibbaa fi Ministirri Ministeera Tumsa Dhimmoota Idil addunyaa biyyattii Daang Daaw Daang ibsaniiru.
Walitti qabaan Koree Teeknikaa Marii sadee Injinar Geediyoon Asfaawu fi ogeeyyiin damee biroon marichaaf barreeffama ka’umsaa dhiyeessuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.