Guyyaa boruu sagantaan lammiileen Ityoophiyaa giddugalummaa alaa mormuuf sagalee itti dhageessiisan ni gaggeeffama jedhame
Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Guyyaa boruu sagantaan lammiileen Ityoophiyaa giddugalummaa alaa mormuuf iddoo jiranii sagalee isaanii itti dhageessiisan ni gaggeeffama jedhameera.
Sagantichi mata duree ‘harka keessan Ityoophiyaarraa kaasaa’ jedhuun boru sa’aatii 10:00 – 11:00tti lammiileen Ityoophiyaa iddoo jiranitti sa’aatii tokkoof sagalee isaaniit itti dhageessisan ta’a jedhame.
Sagantichi moggaasa ‘Kabaja biyyaalessaa sabdaneessaan’ jedhu argateera.
Artiistoonni, namoonni bebbeekkamoon, waldaaleen Siiviikii hawaasaa fi bakka buutoonni kutaalee hawaasaa saganticharratti kan hirmaatan ta’uu ibsameeta.
Sosochichi galma barbaaddamu akka ga’uuf Ityoophiyaanoonni hundi ga’ee isaanii akka ba’an waamichi dhiyaateera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.