Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee biyyaalessaa uumuuf duudhalee tokko nu taasisaan irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC)- Waliigaltee biyyaalessaa uumuuf duudhalee tokko nu taasisaan irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu akka qabu Ministirri Mininsteeraa Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil himaniiru.

Waltajjiin marii Ministeera nageenyaa qophaa’ee mata duree ‘adeemsa ce’umsa diimokaraasii,waliigaltee biyyaa, filannoo 2013 fi sanarra kan darbee’ jedhuun gaggeefamaa jira.

Waltajjicharratti haasaa kan taasisaan aadde Mufariyaat kaamiil, waliigaltee biyyaalessaa uumuuf garagarteerratti osoo hin taanee duudhalee tokko nu taasisaan irratti xiyyeeffachuu qabna jedhaniiru.

Ministeeerichi Ityoophiyaatti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf dhaabbilee garagaraa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kanaafis hawaasni waliigaltee biyyoolessaa uumuu eegalameerratti adda addumaasaaniirratti osoo hin taanee, duudhalee tokko isaan taasisuurrtti xiyyeeffachuu qabu jedhaniiru.

Ministeerichi waliigalteen biyyoolessaa akka uumamuuf kutaa hawaasaa garaagaraa miiliyoona 20 aanoolee kuma 14 keessa walitti babba’aan hirmachisuun waltajjii marii gaggeessaa jiraachuu himaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.