Dooktar Abiy sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa ifatti eegalchiisan
Bara kana sadarkaa biyyoolessaatti biqiltuun biiliyoonni 6 ni dhaabama jedhameera.
Biyyoota ollaaf ammoo biqiltuun biiliyoonni 1 qophaa’uu ibsameera.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, waggoottan lamaan darbaniitti ida’aamnee duula Ashaaraa Magariisaa akka milkeessine bara kanaas harka walqabannee hojii galmaan ni geenya jedhaniiru.
Ashaaraa Magariisaan biyyaa yaada keessaa galchuudha malee filannoo akka hin taanee paartileen siyaasaa, dargaggoon, abbootiin amantaa, barattoonnii fi lammiilee biyyaasaaniif jalaala qaban hundi duula kanarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaatti ciramsiinsa bosonaa yeroodha gara yerootti dabala dhufeen qofaa waggaatti oomisha kuntaala miiliyoona 40 ni dhabdi.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.