Lola Israa’eelii fi Filisxeem gidduutti eegalameen lakkoofsi namoota ajjeeffamanii 222 qaqqabuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC) – Lola Israa’eelii fi Filisxeem gidduutti eegalameen hanga ammaatti jiraattoonni Gaazaa 212 fi kan Israa’eel 10 ajjeefamaniiru jedhame.
Lolli guyyoota 9 dura eegalame lubbuu lammiilee nagaa 222 galaafachuu fi qabeenya hedduu barbadeessuu himameera.
Gamlachiinuu namoota ajjeefaman keessaa 63 daa’immaan ta’uu ibsameera.
Haleellaa Israa’eel Gaazarratti raawwatteen jiraattoonni Gaazaa 212 yoo du’an, namoonni kumni 1 fi 37 madaa’aniiru.
Lammiileen Israa’eel 10 yoo ajjeefaman 796 miidhaa qaamaaf saaxilamaniiru jedhame.
Namoota ajjeeffaman keessaa 36 dubartoota ta’uus eerameera.
Namoonni kumni 58 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.
Manneen 500 ol barbadaa’uu ibsameera.
Maddi:-Al Jazeera
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.