Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Dhaabaa Dabaleen durfamuu oomisha Qamadii fi Garbuu aanaa Waacaalee daawwate

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu oomisha Qamadii fi Garbuu godina Shawaa Kaabaa aanaa Waacaaleettii  jallisiin oomishame daawwateera.

Jilichi aanaa Waacaalee ganda Gomooroo Saaphootti qamadii jallisiitiin oomishame kan daawwate yoo ta’u, ganda kanatti lafni heektaarri 230 qamadiin oomishamaa jira.

Aanaa Waacaaleetti lafni heektaarri kumni  2 fi 500 ol oomisha qamadii jallisitiin oomishamaa jira jedhameera.

Oomishicharras kuntaalli kumni 120 ol ni argama jedhamee akka tilmaamamu itti gaafatamaan waajjiira qonnaa fi qabeenya uumamaa aanaa Waacaalee obbo Addisu Katamaan himaniru.

Akka Godina Shawaa Kaabaatti  marsaa lamaanii fi Arfaasaa dabalatee lafni heektaara kuma 16 fi 459 oomisha Qamadii fi Garbuu jallisitiin omishamaa jira jedhameera.

Oomishicharras  kuntaalli kumni dhibbi 6 kumni 75 fi 320 argachuuf kan karoorfame yoo ta’u,  hanga ammaa oomishni kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 5 fi 210 akka sassabamee ibsameera.

Akka naannoo Oromiyaatti waqtii boonaatin lafni heektaara kuma 350 ol qamadiitiin omishamaa akka jiru fi kanarraas oomisha kuntaala miiliyoona 15 ni argama jedhamee akka eegamuu obbo Dhaabaa Dabaleen himaniiru.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.