Yunvarsiitiin Arsii qorannoowwan rakkoo hawaasaa furan gaggeessaa jiraachuu himame
Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC) – Yunvarsiitiin Arsii qorannoowwan rakkoo hawaasaa furan gurguddoo gaggeessaa jiraachuu beeksiiseera.
Yunvarsiitichi hojiilee tajajila hawaasa irratti hojjachaa ture gamagamaa jira jedhame.
Bara 2007 kan hundaa’e Yunivarsiitiin Arsii adeemsa baruuf barsiisuu cinattii rakkoo hawaasa irraatti qorannaa jabaa gaggeessuun furmaataaf hojjachaa jiraachuu ibsameera.
Godaansa seeraan alaa irraatti hojii hubbannoo uumuun carraa hojii babal’saa kan jiru yunivarsiitichi,taajajila seeraa hawaasa harka qalleeyyiif laachaa jiraachuu himameera.
Yunvarsiitichi waggoota jahaan darbanitti tajaajila hawaasaa 112 laachuu himameera.
proojektoota rakkoo hawaasaa furan Birrii miliyoona 23 oliin hojjateera jedhame.
Tajaajjila hawaasa hundeeffama Yunvarsiitichaa irraa hanga ammaatti hojjettaman ilaalchisee qooda fudhattoota waliin gamagamamni gaggeeffamaa jira.
Sirnicha irratti itti aanaan Preezdaantii qorannoo fi tajajila hawaasa Yunvarsiitii Arsii Dooktar Adam kadiir dhimma dhimma tajaajila hawaasarratti xiyyeeffannaa jabaan akkam hojjetamu kallattii ka’aniiru.
Kalaqa barattootaa kallattiin rakkoo hawaasa furuu danda’anirratti xiyyeeffanna hojjachuun mekanaayzeeshiinii qonna utubaa jirachuun himamera.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.