Fana: At a Speed of Life!

Lammileen Iraan kuma 100 ol ta’an reeffa Qaasim Solemaanii simatan

Finfinnee, Muddee 26, 2012 (FBC) – Lammileen Iraan kuma 100 ol ta’an reeffa Qaasim Solemaanii magaalaa biyyattii Ahvaaz simachuun gadda isaanii ibsataa oolan.

Janaraal Qaasim Solemaanii torban darbe magaalaa Iiraaq, Baagidaad keessatti xiyyaara nama maleessa (diroonii) Ameerikaan ture kan ajjeefame.

Namoonni gaddaf ba’an kun “Duuti Ameerikaatiif” jechaa boo’aa oolan.

Qaasim Solemaaniin dhiibbaa Iraan Baha Giddu-galeessaa keessatti qabduuf maandiisadha jedhamee waan amanamuuf biyyattii keessatti nama cimaa sadarkaa lamaffaarra jirudha.

Ajjeefamuun qondaala kanaa lola Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru daran hammeessa jedhameera.

Gaggeessaan Ol-aanaa Iraan, Ayatolaa Kohomaanii, namni Solemaanii waliin hariiroo dhuunfaa cimaa ta’e qabu haleellaa kanaaf, “haaloo cimaa bahanna” jechuun dhaadatan.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti Iraan karaa inteneeta US cabsuun (Cyber attack) ykn karaa miidhaa baramaatiinis fedhii US Baha Giddu-galeessaa keessa jiranirratti xiyyeeffachuun haalaa bahuu dandeessi jedhu.

Ajjeechaa kana Jimaata darbe akka raawwatamuuf kan ajajan Preezdaant Doonaald Tramp yoo ta’u, gochi kun preezdaantota duraanii Ameerikaa Buushii fi Obaamaadhaan balaa guddaa uumuu mala jechuun sodaatamee kan dhiifame ture.

Jimaata erga ajjeechaa kana raawwachiisanii booda Preezdaant Traamp Sanbata kaleessaa ammoo yoo Iraan kan haaloo baatu taate dhaabileenii fi bakkawwan aadaa “Iraaniif barbaachisoodha jedhaman” 52 irratti haleellaa ni raawwanna jechuun dhaadataniiru.

maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.