Fana: At a Speed of Life!

Humni Addaa Oromiyaa gaachana ummata Oromoo fi biyya keenyaati-Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa naanno Oromiyaa Humni Addaa Oromiyaa gaachana ummata Oromoo fi biyya keenyaati jedhaniiru.

Koolleejjiin Poolisii Oromiyaa poolisoota Humna Addaa Oromiyaa leenjisaa ture guyyaa har’aa eebbisiisee jira.

Sirna eebichaarratti Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa haasaa taasisaniin. gootni of caalaa aarsaa kaffaluun biyya isaaf halkaniifi guyyaa dadhabe osoo hin jedhin hojjeta jedhaniiru.

Osoo Humni Addaa Oromiyaa aarsaa hin kaffalle ta’ee naannoon keenyaafi biyyi keenya rakkoo hamaaf saaxilamti ture. Ummanni goota qabu seenaa, galma, abdiifi hawwi qaba jedhan.

Humni Addaa Oromiyaa gaachana ummata Oromoofi biyya keenyaati gaafa jennu gareen farreen nageenyaa hawwii biyya diiguufi nageenya booreessuu isaanii galmaan gahachuuf yoo yaalaniyyuu kayyoon isaanii akka galma hingeenye Humna Addaa Oromiyaatu aarsaa kanfaluun mirkaneesse jedhaniiru.

Humni Addaa Oromiyaafi Poolisoonni Oromiyaa daran haqummaa mirkaneessu, olaantummaa seeraa kabachiisuufi diimokiraasii diriirsuuf hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Humni Addaa Oromiyaa kana caalaa kayyoofi ergamasaa galmaan gahachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan Gibxi ergamoota isaa erguun kallattii garaa garaan hojjechaa jira garuu hawwiin isaanii galma gahuu hindanda’uu jechuusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.