Rakkoo nageenyaa godina Matakkalitti muudate waaraan furuuf tumsaa fi qindoominni hunda barbaachisaadha –Ministeera Nageenyaa
Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC)-Ministir Deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Firee’alam Shibaabbaaw koomaand poostii fi hoggantoota godinichaa akkasumas hoggantoota naannoo Amaaraa godina Aawwii waliin dhimmoota nageenyaarratti mari’ataniiru.
Aadde Firee’alam marichaarratti, naannicha gara nageenyaa fi tasgabbiitti fiduuf hojiiwwan marii fi qindoominaan hojjetamaan kan galateeffachiisudha jedhaniiru.
Ta’us rakkoo nageenyaa godina Matakkalitti muudatee waaraan furuu fi kanneen buqqa’aan gara qe’eesaanitti deebisuuf tumsi hoggansaa, humnoota nageenyaa fi hawaasaa itti fufuu qaba jedhaniiru.
Lammiilee qe’eesaanirra buqqa’aan deebisaanii dhaabuuf mootummaan qophii taasisaa jiraachuu kan ibsan yoo ta’u, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee adda addaa fi qaamolee ilaallatuu waliin waloon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Qindeessaan olaanaa Komaand Poostii godina Matakkal Leetanaal Jeneraal Asiraat Denneeroo, lammiilee buqqa’aan gara qee’eesaanitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna