Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli elektiroonikii fooddaa tokkoo Ityoophiyaa ifoome

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) -Tajaajilli elektiroonikii fooddaa tokkoo Ityoophiyaa ifoome.

Sirna baniinsaa irratti dubbii kan taasiisan Ministirri Galiiwwanii adde Adaanach Abeebee, tajaajilli elektirooniksii fooddaa tokkoo adeemsa tajaajila si’ataa fi sirna daldalaa dorgomaa taasiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Iftoomina galii fi baasii biyyaattii uumuu fi hojimaata malaammaltummaa ittisuuf shoora qaba jedhan.

Tajaajjilli ekektirooniksii fooddaa tokko adeemsaa tajaajilaa kana dura guyyoota 44 fudhataa ture marsaa duraa qofaan gara guyyoota 15 tti gadi buusa jedhan aadde Adaanach.

Sirna eebbaa kana irratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad dabalatee, Ministiroonni, Ambaasaaddaroonni, itti gaafatamtoonni dhaabbilee garaagaraa fi keessummoonni kabajaa argamaniiru jechuun Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.