Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan nyaata barattootaa manneen barnootaa 499 keessatti hojiirra oolu ifoome

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Sagantaan nyaata barattootaa manneen barnootaa 499 keessatti hojiirra oolu ifoomeera.
Ministeerri Barnootaa Dhaabbata deeggarsa daa’immanii waliin haaluma waliigaleen sagantaa nyaata barattootaa biyya keessaa ifoomsuu har’a naannoo Sidaamaatti gaggeessera.
Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immanii Ityoophiyaatti sagantaa nyaata barattootaa hunda hammataa ta’e manneen barnootaa 499 keessatti hojiirra oolchuun daa’imman barnoota isaanii sirnaan akka barataniif kan gargaaru ta’uu ifoomeera.
Saganticha dhugoomsuuf dhaabbanni deeggarsaa ‘Giloobaal Paartinarship Foor ‘educatonion’ jedhamu birrii miiliyoona 21.4 deeggarsa taasiisuu ibsameera.
Waliigala manneen barnootaa 499 keessatti barattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 63 ol fayyadamoo kan ta’an ta’uu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.