Filannoo marsaa 6ffaa akka biyyaatti gaggeeffamu lammiilee hunda hubachiisuu fi hirmaachisuun barbaachisaadha jedhame
Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Filannoo marsaa 6ffaa akka biyyaatti gaggeeffamu Lammii hunda hubachiisuu fi hirmaachisuun barbaachisaadha ta’uu Hogganaan Boordii Filannoo Biyyoolessaa Oromiyaa obbo Raggaasaa Galataa himaniiru.
Waltajjiin leenjii leenjistootaa barnoota filattootaa fi taajjabdummaa filannoo Waajjira Federeshinii Dubartootaa Oromiyaan qophaa’e jaarmiyaalee dubartootaa naannoo Oromiyaaf Magaalaa Adaamaatti kennamaa jira.
Hogganaan Boordii Filannoo Biyyoolessaa Oromiyaa obbo Raggaasaa Galataa waltajjii kanarratti ergaa dabarsaniin,filannochi haqa qabeessa akka ta’uuf, Lammiilee hunda hubachiisuu fi hirmaachisuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Morkattoonni heeraa fi seera eeguun socho’anii hojjechuutu irraa eegama jedhan.
Filannoo marsaa 6ffaa akka biyyaatti gaggeeffamu diimokiraatawaa, haqa qabeessaa fi sagaleen lammiilee kabajamee nagaan akka xumuramu dubartoonni gahee isaanii ba’uu akka qaban ibsameera.
Waajjirri Federeshinii Dubartoota Oromiyaa filannoo marsaa 6ffaa geggeeffamuuf irratti dubartoota naannoo Oromiyaa miiliyoona 7f leenjii hubannoo kan kennu ta’uu ibsameera.
Kaayyoon marii kanas,filannoon marsaa 6ffaa akka biyyaatti geggeeffamu diimokiraatawaa, haqa qabeessaa fi sagaleen lammiilee kabajamee nagaan akka xumuramu dubartoonni ga’ee isaanii ba’uu akka qaban hojjechuu baraachisaa ta’uu preezdaantiin Waajjira Federeshinii Dubartootaa Oromiyaa Aadde Askaalee Lammaa ibsaniiru.
Kanaan cinattis mariin kun wantoota 4 bu’ura godhate kessaa barnootaa filattoota kennuu ,taajjabdummaa filannoo, walitti bu’iinsa wayita filannoo irratti nageenya buusuuf hojjechuufi hawaasni wayita filannoo vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamneefis hubannoo uumuuf ta’uu ragaan Biiroo Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
https://www.facebook.com/fanabroadcasting
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.