Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa filannoon bara kana akka gaggeeffamu ejjennoo cimaa qaba jedhame

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa filannoon biyyaaleessaa bara 2012 akka gaggeeffamuu qabu ejjennoo cimaa qabaachuu beeksise.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paarticha guyyaa kaleessaa dhimmoota haala yeroo fi filannoo biyyaaleessaa irratti mari’achuun murteewwan garaagaraa dabarsuu isaa itti gaafatamaan waajjira paartichaa obbo Binnaalfi Anduulem ibsa har’a kennaniin eeraniiru.

Paartichi ejjennoo filannoo irratti qabu kan hin jijjiirre ta’uu fi bara kana gaggeeffamuu akka qabu ni amana jedhaniiru.

Korichi rakkoolee filannoo irratt mudachuu danda’anii fi carraa jiran irratti bal’inaan mari’achuun murtoo yaadaa dabarsuu isaa obbo Binnaalfi himaniiru.

Obbo Binnaalfi filannoo gaggeessuu waliin walqabatee sodaa paartileen morkattootaa fi hawaasni kaasu irratti mari’atamuu ibsuun, filannoon yoo gaggeeffamee fi darbe bu’aa fi miidhaa fiduu danda’u ilaalchisee gadi fageenyaan ilaaluu isaa dubbataniiru.

Filannoon yeroo isaa eegee yoo gaggeeffame ijaarsa sirna demookraasii biyyattiin gaggeessaa jirtu kan gargaaru fi hawaasni mootummaan filadheenan hogganamaa jira amantaa jedhu akka horatu ni taasisa jedhan.

Filannoo gaggeessuun gama hedduun faayidaa akka qabu korichi gamaggamee jira kan jedhan obbo Binnaalfi, rakkoolee yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’achaa jiran akka salphaatti kan ilaalu miti jedhan.

Rakkoolee nageenyaa furuuf dhaabbileen haqaa fi qaamoleen nageenyaa dirqama isaanii ba’uu akka qaban kan ibsan obbo Binnaalfi, hawaasnis bifa qindaa’een qaamoolee miidhaa geessisaa jiran saaxiluu cimsee itti fufuu qaba jedhan.

Paartileen morkaattootaa fi deeggartoonni isaanis nageenya buusuuf ga’ee isaanii ba’uu akka qaban dhaamaniiru.

Qaamni hundi dirqama isaa yoo hin baane filannoon gaggeeffamus, dheeratus rakkooleen furamuu hin danda’an jedhan.

Korichi waltajjii kaleessa gaggeesseen olaantummaa seeraa mirkaneessuuf caasaaleen nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran dirqama isaanii ba’uu akka qaban kallattii kaa’uu ibsaniiru.

Korichi karoora waggaa 10nii paartichaa irratti gadi fageenyaan mari’achuun raggaasiseera jechuun Faasikaaw Taaddasaatu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.