Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii misooma Qamadii Jallisii akka Oromiyaatti geggeeffameera

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii misooma qamadii jallisii marsaa 1ffaa akka Oromiyaatti magaalaa Finfinnee Hootela Iliillitti geggeeffamuu ibsameera.
Marii kanarratti qooda fudhattoonni qorannoo qonnaa Yuunvarsitiiwwanii,seektaraalee qorannoo qonnaa Oromiyaa fi Ejeensii Tiraanisfoormeeshinii qonnaa argamaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee rakkoolee muudatan furuun hojii gara fuulduraaf of-qopheessuuf raawwii hojii ture sakatta’uun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Qamadii jallisiitiin misoomsuun biyyi keenya kadhaa jalaa baatee akka of-dandeessuuf hojiin hojjetame injifannoo Adawaarratti argameen walqixadha jedhan obbo Dhaabaa Dabaleen.
Bara kana hojii misooma qamadii jallisii Bonaatiin hektaara kuma 300 misoomsuuf karoorfame %100 raawwachuun injifannoo argameen biyya keenya kadhaa qamadii jalaa baasuun birmadummaashee mirkaneessuuf hojiin seenaa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.
Injifannoo gama Oomisha qamadii Bonaatiin argame kana caalmaatti cimsuun yeroo dhiyootti qamadii alaa galu guutummaatti dhaabuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira dabarree biyya alaatti ergu ni dandeenya ejjennoo jedhuun waliigalamee jira.
Daayreekterri Olaanaa Ejeensii Tiraanisfoormeeshinii Qonna Ityoophiyaa Dooktar Mandafiroo Nugusee gama isaanitiin qonni wiirtuu diinagdee biyyaa ta’uu isaan guyyaadha guyyaatti xiyyeeffannoo addaa barbaada jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.