Fana: At a Speed of Life!

Manni maree bakka bu’oota ummataa yaa’ii idilee boru gaggeessa

 

Finfinnee, Eebila 27, 2013 (FBC) –  Manni maree  bakka bu’oota ummataa bara hojii waggaa 6ffaa yaa’ii idilee 13ffaa guyyaa boru gaggeessa.

Manni marichaa ABUT fi Shaneen shororkeessummaan akka moggaafamaniif manni maree ministeerootaa yaada murtoo dabarsee qorachun murtoo ni dabarsa jedhametu egama.

Dabalataan koreen dhabbii dhimma dubartoota,dargaggoota fi hawaasummaa labsii imala biyya alaa lakkoofsa 923/2008 foyyeessuuf wixinee dhiyaateef qorate ni ragaasa jedhame akka egamu odeffanoon mana maricha irraa arganne ni akeeka.

Yaa’iichi galma walga’ii waajjira ministira muummeetti gaggeeffama.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.