Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi naannoo mana jireenyaa Amiibaaraa eegalame

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) – Handhuura Finfinnee Gootaraatti ijaarsi naannoo mana jireenyaa Amiibaaraa eegalame.

Sirna eegalchiisuu kana irratti itti aanaa Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Injiiner Taakkalaa Uumaa dabalatee, Ministirri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii FDRI Injiinera Ayishaa Mahaamad, dhalattoonni naannoo Affaarii fi jiraattoonni magaalichaa hedduun argamaniiru.

Ijaarsa naannoo mana jireenyaa ammaayyaa kana abbootiin qabeenyaa Affaarii fi bulchiinsi magaalaa Finfinnee waliin ta’uun kan raawwaattan akka ta’e himameera.

Manneen jireenyaa kun lafa kaaree meetira kuma 50 irratti kan ijaarramu akka ta’es eerrameera.

Ijaarsichi Appaartimantoota mana jireenyaa 450 dabalatee, giddugala gabaa, Hooteeloota, iddoolee bashannanaa, giddu gala daldalaa, naannoo magariisaa fi giddugala aadaa Affaar kan hammate ta’uu ibsameera.

Akkasumas dargaggoota hojii dhabeeyyii kuma 10 oliif carraa hojii dhaabbii fi yeroo ni uuma jedhameera.

Manneen jireenyaa kun Birrii biiliyoona 11 kan ijaarramu yoo ta’u, yeroo itti aanus proojektoonni kanneen akka kanaa dabalataan ni ijaarramu jedhameera.

Ijaarsi naannoo mana jireenyaa kun rakkoolee mana jireenyaa magaalichaa furuu akka danda’uu fi bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisu kan godhu ta’uu itti aanaa Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Injiinera Taakkalaa Uumaan himuu isaanii ragaan waajjira Kaantibichaa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.