Fana: At a Speed of Life!

ABUT yaa’ii waliigalaasaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) – Addi Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT) yaa’ii waliigalaasaa gaggeessaa jira.

Addichi yaa’ii dhaabbattummaasaa har’a Muddee 25 fi booru Muddee 26,2012 gaggeessa.

Yaa’iin dhaabbattummaa kun magaalaa Maqaleetti taa’amaa jira.

ABUT walitti makamuu ADWUI ilaalchisee mari’atee murtee ni dabarsaan eegama.

Yaa’ii ariifachiisichaa kanaaf koreen qopheessituu hundaa’uun qophiin taasifamaa tureera.

Yaa’ii kanarratti bakka buutonni addichaa, abbootiin amantaa, hayyoonni, bakka buutonni qaamolee hawaasaa fi keessummoonni affeerraman hirmaachaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.