Waltajjiin marii Sosochii boqonnaa qophii Qonna Gannaa bara oomisha 2013/14 Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Eebila 20, 2013 (FBC) – Waltajjiin marii sosochii boqonnaa qophii Qonna Gannaa bara oomisha 2013/14 Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii kanarratti sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee fi Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa obbo Dhaabaa Dabalee dabalatee qooda fudhattoonni argamaniiru.
Seektera qonnaatiin bara kana injifannoo fi seenaan haaraan galmaa’uu kan ibsan Dooktar Girmaan bu’aa argameef caasaa sadarkaan jiranii fi qooda fudhattoota tumsa taasisan galateeffataniiru.
Bu’aa argame caalmaatti itti fufsiisuuf dhimmoota Qonnaa xiyyeeffannoo barbaadanirratti kallattii kaa’aniiru.
Qonna ammayyeessuu, oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf dhiyeessii fi itti fayyadamni mekaanaayizeeshinii murteessaa ta’uu eeraniiru.
Tiraakteeroonni 900 qonnaan bulaaf kan raabsamu ta’uu eeraniiru.
Kana keessaa Tiraakteroonni 200 dargaggoota gurmaa’aniif kan laatamu ta’uu ibsaniiru.
Torbee tokkoon booda tiraakteroonni 600 akka rabsamu Dooktar Girmaan himaniiru.
Dabalataanis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii dhiheessii Callaa guddiftuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jira jedhan.
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee raawwii waliigalaa hojii qonnaa bara oomisha 2012/13 fi karoora bara 2013/14 fi kallattii fuula duraa waltajjichaaf dhiyeessaniiru.
Karoorri Qonna Gannaa, Ashaaraa magariisaa, misooma bunaa fi muduraa dhihaachuun mareedhaan kan gabbifamu ta’a jedhame.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.