Inistiityuutiin Eeggumsa Fayyaa Beeyladaa Biyyaalesaa Warshaa Qoricha Beelladaa Birrii miiliyoona dhibba 1 oliin Magaalaa Bishooftuutti ijaarsise eebbise
Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Inistiityuutiin Eeggumsa Fayyaa Beeyladaa Biyyaalesaa Warshaa Qoricha Beelladaa Birrii miiliyoona dhibba 1 oliin Magaalaa Bishooftuutti ijaarsise eebbiseera.
Biyya Keessatti warshaan qoricha beelladaa hundaa’uun oomishtummaa damichaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhame.
Sirna eebbaa kanarratti Ministira Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi Naannoo argamaniiru.
Ityoophiyaan horsiisa beelladaan maqaa gaarii qabaattus bu’aan damee kanarraa argattu quubsaa miti jedhame.
Haalli horsiisa beelladaa biyyatti duubatti hafaa ta’uu fi beelladoonni dhibeewwan alaa fi keessoo gara garaaf saaxilamoo ta’uun isaanii omishtummaa damichaarratti dhiibbaa uumuu ibsameera.
Ijaaramuun warshaa kanaa biyyattiin bu’aa beelladarraa argattu daraan akka fooyya’uuf qoodaa olaanaa qabaachuu himameera.
Akka OBN gabaaseetti bittaa qorichoota dhibee beelladaa sharafa alaaf biyyattiin baasaa turte hanbisuu cinaatti qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan qoricha qulqullina qabu dhiyeenyatti akka argataniif gumaacha olaanaa qaba jedhame.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; www.facebook.com
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.