Ityoophiyaatti Manni Maree qulqullina barnoota olaanoo hundaa’e
Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti Manni Maree qulqullina barnoota olaanoo har’a ifatti hundaa’uu ibsame.
Sagantaa hundeeffama mana maricharratti Ministira Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee barnootaa olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa, preezdaantoonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi bakka buutoonni kutaa hawaasa garaagaraa argamaniiru.
Hundeeffamuun mana marichaa qulqullina barnootaa fi leenjii eegsiisuuf shoora murteessaa qabaachuu ibsameera.
Sagantaaleen barnootaa fi leenjiin fedhii fi gabaa biyyattii bu’uureeffatan akka ta’uuf kan gargaaru ta’uus himameera.
Sirna barnootaa Ityoophiyaa fakkaatu ijaaruuf hojjetamaa jiraachuus himameera.
Addisuu Mulunahiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.