Fana: At a Speed of Life!

Korri qorannoo fi qo’annoo biyyooleessaa 11ffaan Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffama jira

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Korri qorannoo fi qo’annoo biyyooleessaa 11ffaan Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Korichi mata duree ‘beekumsii duudhaaa ganamaa heddumina kabajuu wal qixxuma gabbiisuu fi misooma fuulleessuuf’ jedhuun galma guddicha Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffama jira.
Waltajicharratti hayyoonni Yuunvarsiitii adda addaa waraqaa qorannoo fi qo’annoo ni dhiyeessu jedhameera.
Haasaa baaninsaa kan taasisan preezdaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abba Fiixaa beekumsa uummata keessa jiru saayinsii waliin walitti fiduun haala guddina biyyaa milkeessuun danda’amurratti korra xiyyeeffatedha jedhaniiru.
Korri kun guyyaa lamaaf kan turu yemmuu ta’uu hayyoonni Yuunivarsiitii garagaraa irraa waliitti baba’an hirmaacha jiru.
Amiinaa Abdallaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.