Adeemsa kakaasii filannoo miidiyaalee fayyadamuun paartileen siyaasaa hanga ammaatti gaggeessanirratti mari’atame
Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Adeemsa kakaasii filannoo miidiyaalee fayyadamuun paartileen siyaasaa hanga ammaatti gaggeessanirratti mari’atameera.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa fi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa kakaasii filannoo miidiyaalee fayyadamuun paartileen siyaasaa hanga ammaatti gaggeessan ilaalchisee haala jiru mariif dhiyeessaniiru.
Waltajichi qoodinsa kakaasii yeroo qilleensaa fi fuula gaazeexaa iftoominaan fayyadamuu ilaalichisee haala hanga ammatti jiru irratti kan xiyyeeffate jedhame.
Komii paartileen siyaasaa fi Miidiyaaleen kaasaanirratti mari’achuun furmaata laachuuf waltajjii gaggeeffame ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.