Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa bara 2014 Onkololeessa 7, 2014 ni eegala jedhame

Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Taphoonni Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa bara 2014 baatii Fulbaanaa eegalmuuf ture baatii tokkoof dheerachuun Onkololeessa 7, 2014 kan eegalamu ta’uu Komishiniin Ispootii Ityoophiyaa beeksiise.
Federeeshinich guyyaa dorgommiin Priimeyar Liigii Kilaboota Ityoophiyaa eegalmu fi galmee taphattootaa bara 2014 ilaalchisee ibsa laateera.
Sababa gulaallii Waancaa addunyaan taphoonni Priimeyar Liigichaa baatii tokkoof dheerachuu ibseera.
Adooleessa 1 -15, 2013 galmeen Kilabootaa, Adoolessaa 1, 2013 hanga Onkololeessa 2, 2014 galmeen taphattootaa marsaan jalqabaa kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Komishinii Ispoortii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.