Naannooleen Kibbaa fi Sidaamaa filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamu demokiraasii fi nagaan akka xumuramuuf hojjechaa jiraachuu ibsan
Finfinnee, Eebla 13, 2013 (FBC)- Naannooleen Kibbaa fi Sidaamaa filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamu demokiraasii fi nagaan akka xumuramuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaw dhimmoota waktaawaa irratti ibsa laataniin, filannoon marsaa 6ffaa carraa biyyatti fulla duraa waan murteessu danda’uuf, hawaasni kaardii filannoo fudhachuun dirqama lammummaa bahuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo filannichi nagaa qabeessa, demokiraasii fi haqa qabeessa akka tahuu haalli mijachuu ibsaniiru.
Wayita ammaa buufatalee filannoon banaa tahuun filattoonni bilisummaa galmee rawwachaa jiraachuu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.