Imbaasichi FBC waliin dhimmoota adda addarratti ni hojjeta-Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Israa’eel
Finfinnee, Eebila 12, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Isaraa’eel Alaaliny Adimaasuu Faanaa Broodkaastiing Koorporeet daawwataniiru.
Daawwannichaan hoji raawwachiisaa olaanaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeet obbo Adimaasu Daamxaaw ambaasaarichaaf ibsa taasisaniiru.
Ibsa isaaniitin Faanaan erga hundeeffameerra eegalee hawaasicha bashannansiisuu fi barsiisuun akkasumaas uummataa mootummaa waliin kallattiin wal agarsiisuun hojiiwwan hedduu hojjechaa tureera jedhan.
Odeeffaannoowwan adda addaa televizhiinii, raadiyoo fi dijiitaalaan uummataaf qaqqabsiisaa jiraachuu kan himan obbo Adimasuun, miidiyichi humna nama gahoomeen, teenkoolijiiwwan haaraa fi ammayyaa’oon gurma’aa jiraas jedhaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Alaaliy Adimaasuu gama isaaniitin, hariiroo baroota dheeraa Ityoophiyaa fi Israa’eel qaban ibsaniiru.
Biyyoonni lameenis dameewwan garagaraatin waloon akka hojjetan himaniiru.
Faanaa sagantaawwan isaa chaanaalii Yuutuubiin dabarsuu hawaasa Israa’eel biratti miidiyaa jaallatamaadha jedhaniiru.
Faanaan odeeffaannoowwan dhugaa uummata biraan ga’uuf tattaaffi taasisuu dinqisifachuun dhaabbaticha waliin dhimmoota garagaraarratti ni hojjenna jedhaniiru.
Obsee Waaqgaariitin
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.