Fana: At a Speed of Life!

Hinditti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 59 ol Covid -19 qabamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 12, 2013 (FBC) – Hinditti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 59 fi 170 ol Covid -19 qabamuu ibsameera.
Biyyattiitti guyyoota jahaan darbaniif guyyaan namoonni kumni dhibbi 2 ol vaayrasichaan qabamaa jiraachuu ibsameera.
Sa’aatii 24 darbe keessatti qofa lubbuun namoota kuma 1 fi 761 darbuus himameera.
Hinditti hanga ammaatti namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 15 fi kuma dhibba 3 fi kuma 21 fi 89 keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 80 fi 530 darbuu ibsameera.
Waliigala addunyaarratti namoota miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 42 fi kuma dhibba 7 fi kuma 27 fi 805 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota miiliyoona 3 fi kuma 43 fi 707 darbuu ragaaleen ni muul’isa.
Namoonni miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 21 fi kumni dhibbai 2 fi kumni 46 fi 463 ammoo dhibicharraa dandamataniiru jedhame.
Maddi:- Reuters
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’a
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.