Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Kuubaa waliin mari’atan
Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Kuubaa Ambaasaaddar Viilmaa Toomaas waajjira isaanitti simachuun dubbisaniiru.
Obbo Dammaqaan hariiroo seenaa qabeessi biyoota lamaanii caalmaatti cimuu akka qabu hubachiisaaniiru.
Kuubaan deeggarsa damee fayyaan taasiiftu dabalataan ce’umsaa teeknooloojiin deegarsa akka taasiiftu gaafataniiru.
Hariiroon cimaan biyyoota lamaan gidduu jiru dameewwaan biroottis akka babal’tu mootummaan Kuubaa fedhii qabaachuu Ambaasaaddar Viilmaa Toomaas dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.