Beeljiyeem lammiilee naannoo Tigraayiif Yuuroo miiliyoona 4 deeggarsa taasifte
Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Beeljiyeem lammiilee naannoo Tigraayiif Yuuroo miiliyoona 4 deeggarsa taasiisuu ibsameera.
Beeljiyeem naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif gama Koree Qaxxaamura Diimaa idil Addunyaan Yuuroo miiliyoona 4 taasiisuu ishee ragaan Fuula Tiwiitarii Ministira Dhimma Alaa Beeljiyeemirraa argame ni muul’isa.
Beeljiyeem sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti qaqqabe qaamni walabaa qorachuun barbaachisaa ta’uu ibsiteerti.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.