Magaalaa Dirree Dawaatti namoota qorannoon Covid-19 taasiifameef keessaa walakkaa olirratti dhibichi argamaa jira jedhame
Finfinnee, Eebila 2, 2013 (FBC) – Magaalaa Dirree Dawaatti guyyaa guyyaan namoota samuudaan qorannoo Covid-19 taasiifamuuf keessaa walakkaa olirratti dhibichi argamaa jiraachuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa magaalichaa beeksiise.
Weerarichi sadarkaa yaaddessaarra ga’uu hoggantuun Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Dirree Dawaa aadde Lamlam Bazzaabihi ibsaniiru.
Vaayrasichi hawaasa keessatti daraan faca’uun isaa yaaddoo hamaa ummuu himaniiru.
Namoota erga vaayrasichi muul’atee dhibichaan lubbuun darban 47 keessaa namoonni 20 baatii darbe keessa kanneen lubbuun darban ta’uu eeraniiru.
Lakkoosfi namoota lubbuun darbanii saffisaan dabalaa jiraachuus himaniiru.
Hawaasni of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Ogeeyyii yaalaa magaalichaa keessa jiran % 54 talaallii Covid-19 fudhachuu isaanii kaasaniiru.
Namoota umriin isaanii waggaa 55 ol ta’ee dhibee dabalataa qabaniif akkaatuma qajeelfamaan talaallii laachuun eegalamuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.