Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Guutiinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan osoo hin eegalamin dura odeeffannoowwan waljijjiiruuf bakka buutoota Sudaanii fi Gibtsi affeerte

Finfinnee, Eebila 2, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqaalaan Guutiinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan osoo hin eegalamin dura odeeffannoowwan waljijjiiruuf bakka buutoota Sudaanii fi Gibtsi affeeraniiru.

Ganna dhufu Guutinsi marsaa 2ffaan osoo hin eegalin duran odeeffannoowwan dhimmichaan walqabatan waljijjiiruuf bakka buutoota biyyoota kanneenii affeeruu isaanii xaalayaa Ministiroota Bishanii Sudaanii fi Gibtsiif barreessaniin ibsaniiru.

Guutiinsi Bishaanii marsaa 2ffaan akkaataa gabatee yeroo gareen ogeeyyii walabaa biyyoota sadan keessaa walitti babba’an qopheessaniin ta’uu Xaalayaa barreessaniin ibsaniiru.

Dhimmoota barbaachisoorratti tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoo sirrii waljijjiiruun marii sadee mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamurratti wal amanuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.