Odeeffannoo haala qabatamaa Ityoophiyaa keessa jiruun walfaallessuu fi madaallawwa hin taaneetu hawaasa idil addunyaa qaqqabaa jira – Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Odeeffannoon haala qabatamaa Ityoophiyaa keessa jiruun walfaallessuu fi madaallawwa hin taane hawaasa idil addunyaa qaqqabaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Ministeerichi sarbama mirga namoomaa fi yakkoota biroo naannoo Tigraay ilaalchisee gabaasoota miidiyaaleen dhiyeessaa jiranirratti ibsa laateera.
Ibsa isaan Odeeffannoo haala qabatamaa Ityoophiyaa keessa jiruun walfaallessuu fi madaallawwa hin taane hawaasa idil addunyaa qaqqabaa jiraachuu kaaseera.
Gabaasoonni dhiyaaachaa jiran mootummaa federaalaa kan himatanii fi sarbama mirga namoomaa naannichatti raawwatame hundaaf mootummaan akka itti gaafatamu ta’uu ibsamaa jira jedhame.
Gabaasoonni kunneen mootummaa himachuurratti kan xiyyeeffatan madaallawaa kan hin taane ta’uu ministeerichi ifoomseera.
Ajjeechaa jumlaa Magaalaa Maayikaadiraatti lammiilee nagaarratti raawwatame dabalatee yakkawwan sarbama mirga namoomaa garee ABUT tiin karorfamee raawwataman ta’uu isaa mirkanaa’e hunda gabaasa golge ta’uu ibseera.
Gareen ABUT yakka raawwachuu qofa osoo hin taane odeeffannoo madaallawaa hin taane kalaqee tamsaasuun hawaasa idil addunyaa bira odeeffannoon dogongoraa akka ga’u taasiisaa jiraachuu himeera.
Yaa ta’uutii hawaasni idil addunyaa dhugaa qabatamaa jiru qorachuun odeeffannoo dogongoraaf akka hin saaxilamnee fi mootummaan Ityoophiyaa rakkoo lafarra jiruuf ka’umsa kan hin taane ta’uu akka hubatan gaafateera.
Dhugaan kan mirkanaa’u qaama walabaan qoratamee malee gabaasa himannaa maddeen Oduun kan dhugoomu akka hin taane ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.