Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan tokkummaa keessoo ishee eeguun walitti hidhamiinsa naanichaaf hojjachuu qabdi- Ambaasaaddar Jamsi P Morgaan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan tokkummaa keessoo ishee eeguun walitti hidhamiinsa naanichaaf hojjachuu akka qabduu Ityoophiyaatti, Ambaasaaddarri Sudaan Kibbaa Jamsi P Morgaan himan.
Ambaassadar Jamsi haala wayitawaafi biyyoota qaxanichaa ilaalchisuun Tajaajila Oduu Ityoophiyaa waliin turti taasisaniin,Ityoophiyaan naannawaa gaanfaa Afrikaaf kan abdiin irratti kaa’amufi kanaafis cichitee hojjachaa turtee jirti jedhan.
Naannawaa Gaanfaa Afrikaa kun rakkowwan hedduu kan qabuu fi naannawa carraa fi fedhii misoomuu baay’ee kan qabu tahuu kan himan Ambaassadar Jamsi,kutaalee ardii akkanaa keessatti ammo biyyoonni cimoo akka Ityoophiyaa naannicha walitti hidhuuf gahee olaanaa qabdiis jedhaniru.
Kanaaf ammoo tokkummaa keessoo ishee eeguun cinaatti walitti hidhamiinsa si’ataa gumaachaa jirtuu cimsuu qabdiis jedhan Ambaassadar Jamsi.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.