Balaa baaburaa Taayiwaanitti mudateen yoo xiqqaate namootni 48 du’an
Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Taayiwaanitti geejjiba baaburaa namoota gara 500 qabatee ture irratti balaa ga’een yoo xiqqaate namootni 48 du’anii, hedduun madaa’aniiru.
Balaan kun uumame, baaburri kun konkolaataa daandii irraa kaatee hadiida baaburaa irra ba’e waliin aafaan daandii lafa jala deemu irratti yemmuu wal rukute ta’uu gabaafameera.
Lubbu baraartonni daandii lafa jala keessatti baabuura guddaa miidhame jiru kana keessaa namoota lubbuun oolaan barbaadaa turaniiru, namootni tokko tokko balaa kana jalaa ooluuf fooddaa cabsanii baqataniiru.
Baaburri kun ayyaana dhufaa jiruuf namoota fe’ee magalaa gudditti Tayipee irra gara magaalaa Tayutuungitti imalaa ture.
Baaburri kun guutee waan tureef namootni hedduun keessa dhabbatanii ture jedhamee yaadama.
Baabuurri 498 kun geejjibaa babuuraa saffisaa jedhaman keessaa tokko yoo ta’u sa’atii tokkotti km 130n imaluu danda’a.
Balaan Jimaata uumame kun Taayiwan keessatti balaa babuuraa isa hamaa waggootii hedduu booda uumamedha.
Preezdaant Tisayi Ing-Ween maatii namoota midhamaniif jajjabina hawwuun, qorannoon akka taasifamuuf ajaja kenniteetti.
Maddi- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.