Naannoo Tigraayitti tajaajiloota karaa guutuun hojii eegalchiisuuf hojjetama jira – Dooktar Muluu Naggaa
Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti tajaajiloota garaagaraa karaa guutuun hojii eegalchiisuuf hojjetama jiraachuu Hojii Gaggeessaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan ibsaniiru.
Dooktar Muluun turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin guyyoota 100 darban keessa hojiileen hojjetaman gamaaggamamuu himaniiru.
Gamaaggama taasiifameen rakkooleen turan adda baafamaniiru jedhan.
Bu’aa gamaaggamichaa bu’uura taasiisuun rammaddii fi fooyya’insii hojii hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Kaantibaan magaalaa Maqalees aangorraa ka’uu isaanii eeraniiru.
Lammiilee miiliyoona 4.2f deeggarsi namoomaa qaqqabuu ibsaniiru.
Iddoolee tokko tokkotti raabsa deeggarsa namoomarratti rakkoon haqa qabeessuummaan muul’achuu gamaaggama taasiifameen adda ba’uu kaasaniiru.
Deeggarsi namoomaa marsaan duraa xummuramuu fi marsaa 2ffaa eegaluuf hojiin ragaa walitti qabuu gaggeeffamaa jiraachuu Dooktar Muluun himaniiru.
Lakkoofsi namoota buqqa’anii miiliyoona 1 qaqqabuu fi naannoo Magaalaa Maqalee fi Shireetti buufanni baqattootaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Qaamoleen caasaa mootummaa keessa taa’anii ummanni akka hin tasgabboofne odeeffannoo sobaa tamsaan jiraachuu kaasaniiru.
Baatiwwan arfan darban keessa mootummaan hojjettootaf mindaa kaffalus tajaajilli mootummaa garuu haala barbaaddamuun laatamuu hin eegalle jedhan.
Ammaan booda mootummaan qaamolee caasaa mootummaa keessa taa’anii rakkoo uumaaniif obsa kan hin qabaanne ta’uu Hojii Gaggeessaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan ibsaniiru.
Tajaajilli yoo hin eegalamne mindaan kaffalamu hin jiraatu jedhan.
Yeroo dhiyootti tarkaanfiin sirreeffamaa kan fudhatamu ta’a jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.