Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan talaallii Covid-19 Siinoofaarmii kuma dhibba 3 fudhatte

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan talaallii Ittisa dhibee Covid-19f Siinoofaarmii kuma dhibba 3 mootummaa Chaayinarraa argatte fudhatte.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, deeggarsa mootummaa Chaayinaan taasiifame Ityoophiyaan har’a fudhachuu ibsaniiru.
Deeggarsi Chaayinaan har’a taasiifte Ityoophiyaan talaallii eegalte cimsuuf qooda qabaachuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
Mootummaan Chaayinaa itti fufiinsaan deeggarsa kan taasiisuu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zaahoo Zyiyaang ibsaniiru.
Ityoophiyaan wayita Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaan miidhamteetti biyya deeggartuu cimtuu ta’uu ishee kan garsiifteedha jedhan.
Yisimaaw Adaratu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.