Magaalichatti Giddugalli Sagantaa Kunuunsa Daa’immanii Ijaaraaman Eebbifame
Finfinnee, Bitootessa 18, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Giddugalli Sagantaa Kunuunsa Daa’immanii Ijaaraaman Eebbifameera.
Sagantirratti Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon argamaniiru.
Giddugalichi daa’imman rakkinoota hawaasummaa fi diinagdee garagaraaf saaxilaman kan kunuunsudha jedhame.
Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Atileet Masaraat Daffarii fi bakka hooggantoonni hojii olaanoo biro argamanitti kutaa magaalaa Nifaas silk Laaftoo addabaabayii Giddugalli Sagantaa Kunuunsa Daa’immaniin moggaafame eebbisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.